Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Olaanaa Yunaayitid Isteetis Uggura Godaantotaa Yeroo dhaaf Dhaabee Jira


Mana Murtii Muummichaa kan Yunaayiid Isteetis, Guraandhala 21, 2022
Mana Murtii Muummichaa kan Yunaayiid Isteetis, Guraandhala 21, 2022

Manni murtii muummichi kan Yunaayiid Isteetis Kibxaa har’aa waaree booda yeroo daangaa Meekskoo fi Yunaayitid Isteetis irra koolu galtoota dahata siyaasaa gaafatan kanneen kumaan laka’aman ittisuuf kaa’e ammaaf dhiisee jira.

Uggurri kun kan kaa’ame ennaa prezidaanticha duraanii Doonaald Traamp ennaa weerarri vaayiresii Koronaa jalqabetti. Waaltaan to’annoo fi ittisa dhukkubootaa Yunaayitid Isteetis fayyummaa uummataa eeguuf kana dura hin barbaachisu, bulchiinsi prezidaantJoo Baayiden illee imaammata kana hambsii barbaada.

Abbaan murtii federaalaa uggurri kun guyyaan itti dhumatu Roobii borii akka ta’u murteessee jira, garuu garuu abukaatooleen ripaablikaanotaa kutaalee biyyaa 19 ajaja kana mormuu dhaan, uggura kana kaasuun kutaalee daangaa irra jiran koolu galtoonni itti yaa’uun ba’aa itti ta’a jedhan.

White Hous keellaalee, teeknooloojii fi angawoota hojiitti bobbaasuuf doolaara biliyoona $3 itti dabalaa barbaada. Itti gaafatamtuun presii White House Jean-Pierre wixata kaleessaa akka jedhanitti uggura sana kaasuu jechuun daangaa banuu jechuu miti jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG