Sababa walwaaraansa taasifamaa tureen kan ke’ee tajaajillawwan fayyaa waan miidhamaniif naannoo bulchiisaa Affaar keessatti dhukubnii Gifiraa fi Busaan babalachaa jirachuu isaa jiraattonni naanichaa ibsanii jiru. Biiroon fayyaa naanichaa gamma isaatiin dhukubichaa too’annaa jala olchuudhaaf akka hojachaa jiruu VOA dhaaf ibsuu isaa Masfin Arraagee gabaasee jira.
Tajaajilawwan fayyaa Kanaan duraa turan irra waan midhaan qaqqabeefi fedhii jiraattotaa hunda guutuun danda’amuu baatus amma danda’ametit dhibee Gifiraa too’achuudhaaf tajaajilii talaalii, dhukuba Busaa ittisuuf immoo raabsii Agoobaraa taasifamaa akka jiru biiroon fayyaa naanichaa ibsee jira.
Jirataa anaa Beraahilee kan ta’an obbo Saadiiq Huseen naannoon isaanii badiinsaa walwaaraansii irraan gahe irra akka dandamatuu gargaarsii taasifamaa jiru gahaa akka hin taane sagalee Amerkaatti himani jiru.
Dhaabbata mootumootaa gamtoomaniitti waajirri qindeessaa gargaarsa namoomaa ykn OCHAn ibsaa guyyaa Afuriin dura baaseen bakkawwan walwaraansa jala turan kan naannoo Amaaraa fi Affaar keessattu gargaarsaa deebisanii dhaabuu taasisaa akka jiru ibsuun isaa fi namoottan garaa qe’ee isaanitti deebi’aa jiran hunda gargaaruudhaaf hanqinni g akka jiru ibsuun isa gabaasameera.
Forum