Xurree ittiin seenan

Breaking News

Affaar keessatii dhukubnii Gifiraa fi Busaan babalachaa akka deemaa jiru ibsame


FAAYILII - Jiraattotaa fi milishoota magaalaa Kasagitaatti lola Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa fi Waraana Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti gaggeeffameen manneen haleellaa qilleensaatiin barbadaa’an cinaa dhaabbatan, Naannoo Affaar, Guraandhala 25, 2022
FAAYILII - Jiraattotaa fi milishoota magaalaa Kasagitaatti lola Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa fi Waraana Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti gaggeeffameen manneen haleellaa qilleensaatiin barbadaa’an cinaa dhaabbatan, Naannoo Affaar, Guraandhala 25, 2022

Sababa walwaaraansa taasifamaa tureen kan ke’ee tajaajillawwan fayyaa waan miidhamaniif naannoo bulchiisaa Affaar keessatti dhukubnii Gifiraa fi Busaan babalachaa jirachuu isaa jiraattonni naanichaa ibsanii jiru. Biiroon fayyaa naanichaa gamma isaatiin dhukubichaa too’annaa jala olchuudhaaf akka hojachaa jiruu VOA dhaaf ibsuu isaa Masfin Arraagee gabaasee jira.

Tajaajilawwan fayyaa Kanaan duraa turan irra waan midhaan qaqqabeefi fedhii jiraattotaa hunda guutuun danda’amuu baatus amma danda’ametit dhibee Gifiraa too’achuudhaaf tajaajilii talaalii, dhukuba Busaa ittisuuf immoo raabsii Agoobaraa taasifamaa akka jiru biiroon fayyaa naanichaa ibsee jira.

Jirataa anaa Beraahilee kan ta’an obbo Saadiiq Huseen naannoon isaanii badiinsaa walwaaraansii irraan gahe irra akka dandamatuu gargaarsii taasifamaa jiru gahaa akka hin taane sagalee Amerkaatti himani jiru.

Dhaabbata mootumootaa gamtoomaniitti waajirri qindeessaa gargaarsa namoomaa ykn OCHAn ibsaa guyyaa Afuriin dura baaseen bakkawwan walwaraansa jala turan kan naannoo Amaaraa fi Affaar keessattu gargaarsaa deebisanii dhaabuu taasisaa akka jiru ibsuun isaa fi namoottan garaa qe’ee isaanitti deebi’aa jiran hunda gargaaruudhaaf hanqinni g akka jiru ibsuun isa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG