Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Somaaliyaa Eertiraa Keessa Turan Biyya Isaaniitii Deebi’uu Jalqabaniiru


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Xiyyaarri jalqabaa loltotaa mootummaa Somaaliyaa Eertiraa keessatti leejisamaa turan fe’e magaala Moqaadishoo buuffata Xiyyaaraa Adilee Adduunyaa Aden Addee qubachuu isaa Ministirri Ittisaa Somaliyaa beeksisan.

Abdulqaadiir Mohamad Nur sochiin loltoota kumaan lakkaawaman kaasuu guyyoottan dhihoo keessatti akka xumuramu, loltoonni kunis biyyatii deebi’anii lola mootummaan isaanii gurmuu hidhattooota Al shabaab irrratti taasisaa jiruu akka jabeessan VOA afaan Somaliitti himaniiru.

Loltoonni Somaaliyaa yeroo jalqabaa leenjiidhaaf kan Eertiraa seenan Hagyyaa bara 2019 yemuu ta’u, leenjii waraanaa lafoo addaa, leenjii umna galaanaa fi umnaa qileensaa fudhachuun isaanii gabaasameeraa.

Loltoonni Somaaliyaa 5,167 Eertiraa keessatti leenjii fudhachaa akka jiran VOA ti kutaan Afaan Somaalii maddaawan adda addaa irraa mirkaneefachuu isaa gabaasee jira.

Bara 2007 kaasee, Yeroo ammaa Somaliyaa keessatti hojii nageenya kabachiisuu irratti bobba’ee kan jiruu waraanii ergama Ce’uumsa Somaliyaa kan gamtaa Afrikaa jalatii hundaa’e dirqama isaa Muddee bara 2024 akka raawwatu gabaasameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG