Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Xayyaara Nam- Maleeyyii kan Yukreen Rukutee Jetti


Raashaan Xayyaara Nam- Maleeyyii kan Yukreen Rukutee Jetti
Raashaan Xayyaara Nam- Maleeyyii kan Yukreen Rukutee Jetti

Dhaabbileen oduu Raashiyaa ministeera ittisa biyyattii wabeeffachuun akka ibsanitti, loltoonni Raashiyaa wiixata har’a xayyaara nam-maleeyyii ykn diroonii Yukireen kan kuffisan yoo ta’u, caccabaan isaas, buufata xiyyaaraa Raashiyaa kibbaa irratti kufee lubbuun namoota sadii galaafate.

Ministeerichi akka jedhetti dirooniin kun har’a ganama dirree xiyyaaraa waraanaa Engels naannoo Raashiyaa Saratov jedhamutti dhiyaachaa otoo jiruu olka’iinsa gadi aanaa irratti balali’aa akka turee fi namoonni sadan du’an tajaajiltoota Raashiyaa buufata xiyyaaraa sanatti argaman ta’uu ibseera.

Buufanni human qilleensaa kun sarara fuulduraa Yukireen bakka humnoonni Raashiyaa baatii Guraandhala keessa weeraran irraa kiiloo meetira dhibbaan lakkaa’aman fagaatee argama.

Raashiyaan akka jettetti dirooniin Yukireen Muddee 5 buufata walfakkaataa kana haleelanii jiran.

Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskii Dilbata kaleessaa, ayyaana dhalachuu gooftaa yesuus ilaalchisee hawwii qaban ennaa ibsan “kanneen jiraachuu akka dandeenyuuf waan hunda hojjetan” ittiin jedhan mara galateeffataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG