Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexeessan Seneegaal Hidhaa Keessatti Nyaata Lagate Hospitaala Geeffamee Jira


FAAYILII- Gaazexeessaa Pape Ale Niang hidhaa keessaa akka gadhiifamu gaafachuudha gaazexeesitoota hiriira bahan, Daakaar,Sadaasa 18, 2022.

Gaazexeessaa fi mootummaa Seeneegaal qeequun beekamaa kan ta’ee Pape Ale Niang himannaa irratti dhiyaate mormuuf jecha nyaata lagachaa kan ture yoo ta’u gara hospitaalaatti geeffamuu isaa abukaatoon isaa Dilbata kaleessaa dhabaata oduu Ajaans Fraans Prees (AFP) ti himanii jiru.

Niang sambata dabree galgala sababa nyaata lagachuu isaa isa dhiyeenya kanaa, fayyaan isaa gad adeemaa eega bulee booda gara hospitaala Daakaaritti geeffamuu isaa abukaatota isaa keessaa tokko kan ta'an Moussa Sarr ibsanii jiru.

Dhimma yaaddoo addunyaa kaasise kun, Niang Sadaasa 6 to'annoo jala oolee odeeffannoo ittisa biyyaa miidhuu malu ifa gochuudhaan himatame.

Muddee 2 nyaata lagachuu kan jalqabe yoo ta'u, boodarra fayyaan isaa erga hammaatee booda mana yaalaa seene. Yeroodhaaf gadhiifamuun isaaf kenname ture, garuu Muddee 20, mormii beela biraa yeroo jalqabu ammas to'annoo jala oole.

Hogganaan marsariitii oduu toora interneetii Dakar Matin jedhamu kan ta'an Niang, yeroo hunda dhimma yeroo irratti barruulee barreessuudhaan Senegaal keessatti bal'inaan hordofama.

Senegaal gabaasa Bilisummaa Pireesii bara 2022 irrati biyyoota 180 keessaa sadarkaa 73ffaa irra jirti. Kunis isa bara 2021 ture irraa 24n gad bu’e.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG