Aangawoonni Aljeeriyaa gaazexeessituu Ihsane El Kadi, daayreektara miidiyaalee haaraa Raadiyoo M fi Maghreb Emerjent akka gadhiisan Dhaabbanni Rippoortaroota Daangaa hin uggurre gaafatee jira.
Raadiyoon M akka jedhetti El Kadiin to’annaa jala kan oole erga ergamtoonni Daayirektoreetini Waliigalaa kan Nageenya Aljeeriyaa ja’a waajjira Raadiyoo M fi Maghreb Emergent sakatta’anii kompiitaraa fi galmeelee to’annaa jala oolchanii booda.
Raadiyoo M, fi buufata interneetii, akkasuma, Maghreb Emergent fi marsariitii isaa, bakka dhumaa Aljeeriyaan oduu walaba ta’e irraa argamuutti ilaalama.
Miidiyaaleen oduu kunneen akka jedhanitti, hidhaa fi sakatta'iinsi kun qaama duula sodaachisaa fi doorsisa yeroo dheeraaf aanga'oonni gaggeeffamaa turan keessaa tokko ta'uu ibsaniiru.
Gareen Gaazexeessitoonni Daangaa hin uggurre Tiwiitara isaanii irratti akka barreesseetti, mala akkasiin hidhamuu isaaf kan gaabbee yoo ta’u, gaazexeessaan kun akka gadi lakkifamuu fi hojii miidiyaalee biyyattii keessatti hojjetan akka kabajamuuf waamicha dhiyeessa.”
Forum