Xurree ittiin seenan

Breaking News

Donbas keessa Haalli Jiru ciminaa fi xiyyeeffannaa olaanaa barbaada: Zalanskii


Pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zeleneskiyii, Kiyiiv Muddee 26, 2022
Pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zeleneskiyii, Kiyiiv Muddee 26, 2022

Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zeleneskiyi wiixata kaleessaa haasawaa dhageesisaniin, haala rakkisaa sarara fuulduraa Bakhmut, Kreminna fi naannolee biroo kan Donbas keessatti mul’atee ciminaa fi xiyyeeffannaa olaanaa barbaada jedhan.

Raashiyaan qabeenya qaban hunda gargaaramuun, ciniinnatanii gara fuula duraatti tarkaanfachuuf fayyadamaa akka jiran dubbatan.

Humnoota Yukireen kanneen ejjennoo isaanii jabeessanii qabatanii, cimanii dhaabbatan, kanas ta'e sana homaa dhabuu qofa osoo hin taane, warra dhuunfatanii ari'uuf, akkasumas lakkoobsa isaanii hanqisuuf' carraa argatan Zalanskiin galateeffataniiru.

Bulchaan Luhansk kan Yukireen, Serhiy Haidai akka jedhanitti, humnoonni Yukireen lola cimaa ji’ootaaf geggeeffamaa turee booda yeroo itti dhiyaachaa jiranitti humnoonni Raashiyaa Kreminna keessaa gadhiisanii ba’aniiru.

Zelenskyy namoota haleellaa misaa'elaa dabalataa Raashiyaa irraa dhufuuf qophaa'uu akka qaban akeekkachiisanii,ittisi qilleensaa qophaa'aa jira, mootummaan qophaa'aa jira, namni hundi qophaa'uu qaba. Maaloo saayirenii ykn sagalee haleellaan dhufaa akka jiru akeekkachisu xiyyeeffannoo kennaa," jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG