Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaan Kaabaa Walgahii Guddaa Gaggeessaa Jirti


Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun, Muddee 26, 2022
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun, Muddee 26, 2022

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un walgahii ijoo kan Paartii Hojjetootaa biyya bulchaa jiru jalqabuu isaanii miidiyaaleen mootummaa biyyatti Kibxata har’a gabaasanii jiru.

Kunis yeroo mara waggaa haaraa ilaalchisee murtii imaammataa ijoo ykn gurguddoo ta’an labsuuf itti fayyadamaa turan.

Walgahiin Guddaa Jahaffaan kan Koree Giddugaleessaa 8ffaa Paartii Hojjetoota Kooriyaa wiixata kaleessaa waamamuu dhaabbati oduu ofiisaa KCNA beeksisee jira.

Walgahiin qondaaltota dhaabaa fi mootummaa guyyootaaf turu kun, waggaa tokko kan biyyiattiin itti adda baafamte itti turtee kun, misaa'ela balistikii ardiilee gidduu dabalatee, misaa'ela lakkoofsa kanaan dura hin argamne itti dhukaasteen xumuramaa jira.

Wiixata kaleessaa Kooriyaa Kaabaa dirooniin shan gara Kooriyaa Kibbaatti qaxxaamursisuun muddamsa haaraa kan uumee yoo ta’u, Koriyaan Kibbaas xiyyaarota waraanaa fi helikooptaroota qindeessuun,haleeluu fi dhukaasa banyee kuffisuuf yaaluun ishee ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG