Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Qajeelfamaa Koroonaa Haaraa Hojirra Oolchuu Malti


FAAYILII - Buufata Xiyyaaraa Beejingi, Chaayinaa, Muddee 27, 2022.
FAAYILII - Buufata Xiyyaaraa Beejingi, Chaayinaa, Muddee 27, 2022.

Chaayinaan Namoonii biyyatti seenan dhibee koovid 19n kan walqabateen akka addaan bahanii kaa’aman ykn kuwaaratiin taasifaman seeraa taasisuu kaasuu ishee hordofuudhaan Yunaayitd Isteets namoottan chaayinaa irraa dhufan irratti qajeelfama haaraa akka fayyadamuu dandeessu haangaa’ootaa Mootummaa waabeeffachuu- dhaan maddi oduu Rooyiters gabaasee jira.

Jaappaan, Indiyaa fi Maalejiyaan imaltootaa Chaayinaa irraa gara biyyaa isaanii seenaan irratti ergaa seeraa haaraa labsanii boodaa, ibsaa kana kan kennan haanga’onni Yunaayitid Isteets haala dhibee Koovidi fi tarkaanfii fudhatte irratti gama chaayinaatiin odeeffannoon Iftoominaa irratti hundaa’ee waan hin jireef imaltoota Chaayinaa irraa dhufan irratti qajeelfamnii hordoffii haraan ba’unsaa hin olu.

Jaappan imaltoonii chaayinaa irraa biyya ishee seenan waraqaa ragaa Koovid irraa bilisaa ta’uu isaanii agarsiisu qabaachuu akka qaban kan ibsitee yemmuu ta’u, biyyii Maaleejiyaa gama isheetiin tarkaanfii imaltootaa gama chayiinaa irratii hordofii addaa taasisuudhaaf murteesitee jiraachuu ishee Rooyoters gabaaseeraa.

Chaayinaan wixata dheengaddaa ibsaa baasteen bara 2020 as yeroo jalqabaatiif Amajii 8 bara 2023 kaasee imaltoonni biyyaa alaati seenanii fi koronaadhaan qabaman akka bakka addaan bahanii turan seeraa taasisu haquu ishee beeksiftee jirti.

Gabaasonii ,yeroo amma dhibeen Koroonaa Chaayinaa keessatti waan dabalaa deemeef mannoottan yaalaa fi bakkaawan awwaalchaa hedduu muddamuu isaanii yemmuu ibsan odeeffannoon ifatti mootummaa chaayinaa irraa guyyaa wixataa bahee immoo guyyoottan Torban darban keessatti nammii sababa Koroonaatiin du’e tokko qofaa akka ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG