Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Loltoota 750 Gara Republiikii Demokraatawaa Koongoo Ergite


Loltoota Sudaan Kibbaa, Muddee 28, 2022.
Loltoota Sudaan Kibbaa, Muddee 28, 2022.

Biyyii Sudaan kibbaa gurmuu biyyoottan baha Afrikaa isa Republiikii Demokraatawaa Koongoo keessatti nageenyaa kabachisuuf yaalaa jiruutti makamuudhaan loltoota 750 garaa RDK ti ergitee jirti.

Prezidaantiin Sudaan kibbaa Saalvaa kiir waraanaa biyyaa isaanii baha koongoo keessaatti bobba’u yemuu geggeesan, Koongoo keessaatti nageenyaa mirkaneesuudhaaf adeemaa akka jiran ibsanii naamusaa gaarii akka agarsiisanii fi ajaja akka kabajan gorsa keenuun isaanii gabaasameeraa.

Waraanii Sudaan kibbaa waraanaa hawaasaa baha Afrikaa kan keniyaa, Burundii fi Ugaandaa waliin ta’auudhaan hokkora koongoo keessatti rawwataa jiruuf deebii kennuudha fi biyyatti tasgabeesuudhaaf akka ta’e ibsameeraa.

Ministirrii ittisaa fi dhimma sooramtootaa kan mootummaa Sudaan kibbaa Anjelinaa Teeny Sudaan kibbaa miseensa hawaasaa baha Afrikaa ta’uudhaan Koongoo keessatti nageenyaa fi tasgabii mirkaneesuudhaaf qoodaa qabdii jedhaniiru.

Waraanni Sudaan kibbaa magaalaa Goomaa bakka waraanni Koongoo garee hidhatootaa “M23” jedhamuu wajjin lola irraa jiru akka qubatuu kan ibsee gabaasiinii Shee’ila Poonii gareen M23 waggoottan kurnan darbaniifii siviilotaa irraatti miidhaa geesisuudhaan kan himatamu ta’uu isaa eere jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG