Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Gamtaa Afrikaa Faarsitee Jirti, Looltonni Ertraa Tigraay Keessaa Bahaa Jiru Jedhame


FAAYILII - Ambulaansii jiraattonni loltoota Ertiraatiin haleellamte jedhan kiliinikii tokko birati, Abi Adii, Tigraay, Caamsaa 11, 2021
FAAYILII - Ambulaansii jiraattonni loltoota Ertiraatiin haleellamte jedhan kiliinikii tokko birati, Abi Adii, Tigraay, Caamsaa 11, 2021

Ergama Hordoffii, Mirkaneessaa fi Ulaagaa guutuu Gamtaan Afriikaa sirnaan eegaluu isaa. Ameerikaan faarsuu ishee, ministeerri haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan ibsanii jiru.

Kunis waliigalteen waraana dhaabuu Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti, hidhannoo hiikkachuu Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii fi humnootiin Eertiraa bahuu dabalatee guutummaatti hojiirra oolchuu of keessaa qaba.

Gama kaaniin, Loltoonni Eertiraa, kannen waggaa lamaaf mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa deggeruun Tigraay keessatti waraanaa turan, magaaloota gurguddoo kan akka Shiree fi Aksuum keessaa bahanii gara daangaatti qajeeluu isaanii namoonni ijaan argan sadii Rooyitarsiif ibsan.

Waraanni Eertiraa guutummaatti Tigraay keessaa ba’aa jira moo magaaloota murta’an keessaati? Inni jedhu hin beekamiin jira.

Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yemane Gebremeskel akka Rooyitarsiif himanitti loltoonni kunneen ba’aniiruu ykn hin baanee jedhanii mirkaneessuu hin dandeenye.

Dubbi himaan humnoota Tigraay kan ta’an Geetaachoo Redaa fi gorsaan nageenya biyyoolessaa Itoophiyaa Reedwaan Huseen kana irratti yaada akka kennaniif gaaffii dhiyaateef deebii hin laanne.

Hojjettoonni gargaarsaa magaalaa Aksuum fi Shire keessaa Kamisa kaleessaa, konkolaattota fe’umsaa hedduu fi konkolaattota kurnootaann lakkaa’aman loltoota Eertiraan guutaman gara magaalaa daangaa irra jirtuu, Sheraarootti yeroo qajeelan arguu isaanii himaniiru.

Hojjettoota gargaarsaa keessaa tokko loltoonni kunneen harkaan nagaa dhaamaa akka turan dubbateera. Jiraattonni Tigraay loltoota Eertiraa...dhukaasa dhaabuu booda namoota nagaa saamuu, hidhuu fi ajjeesuu itti fufan jechuun himatu. Aanga'oonni Eertiraa himata kanaaf kallattiin deebii hin kennine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG