Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Godaantoota Addunyaa Gargaarsa Somaaliyaaf Ka Oolu Maallaqaa Gaafataa Jira


FAAYILII - Lammiiwwan Somaaliyaa qehee irraa buqahanii qarqara magaala Doollo jiran, Somaaliyaa, Fulbaana 19, 2022
FAAYILII - Lammiiwwan Somaaliyaa qehee irraa buqahanii qarqara magaala Doollo jiran, Somaaliyaa, Fulbaana 19, 2022

Humnoonni nageenyaa kan Somaaliyaa kutaalee giddu galeessaa biyyatti kan to’annaa al shabaab jala turan haaraa gadhisisaa yeroo jiran kanatti, Tokkummaan Mootummoota hojii namoota al-Shabab jalaa baqatan wiirtuuwwan keessatti deebisanii dhaabuu geggeessu itti fufuuf maallaqa akka hin arganne dubbata.

Jaarmayaan Godaantota addunyaa ykn (IOM) deeggarsa arjoomtootaa wiirtuuwwan Moqaadishoo, Baayidoo fi Kismaayoo keessatti hojii irra oolchu, bara haaraa kanaaf maallaqa akka hin qabne ibseera.

“IOM Yeroo ammaa kana sagantaa deeggarsaa itti fufuuf maallaqa hin qabu,” jechuun Somaaliyaatti itti gaafatamaan ergama IOM Frantz Keleestin RSA ti himaniiru.

Mootummaan Somaaliyaa fi arjoomtonni hojii sagantichaa kan gara fuula duraa irratti waliigaltee irra yoo hin ga’an ta’e, pirojektii doolaara miliyoona hedduutti tilmaamamu kanaaf, maallaqni kennamu bara haaraa seenu keessatti, dhaabbachuu akka danda’u dhaabatii kun dhiheenya kana aangawoota Somaaliyaa beeksiseera.

Amma hanga Muddee 31 gidduutti maallaqa kana yoo hin arganne, saganticha deeggaruun itti fufuuf haala dandeesisuu hin qabnu, jechuun Celestin deebii barreeffamaa RSA sagantaa Afaan Somaaleef barreeffamaan ibsanii jiru.

Deeggarsi keenya bor jechuun Mudde 31 bara 2022 ni dhaabata jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG