Taphataa kubbaa milaa beekamaa fi seena qabeessii Biraazil Peelen, Kamisa kaleessaa jechuun Muddee 29 bara 2022 umurii isaa waggaa 82tti du'an boqotee jira. Dargaggummaa isaa goolii galchuudhaan addunyaa irratti kan mul’atee Peeleen, gartuu kubbaa milaa biyya isaa Braazil yeroo sadii waancaa tapha kubbaa milaa akka injifattu taasisee jira.
Baatii dabree jechuun sadaasa gara dhumaa hospitssls kan seenee yoo ta’u, baatii keessa jirru Muddee keessa Doktoroonni isaa, dhukkuuba kaansarii itti hammaataa dhufee Kalee fi onnee isaa irratti rakkoo uumeen dhukkubsataa ture.
Fulbaana bara 2021 ykn bara dabree mar’imaan isaa baqaqsanii hodhuun kaansarii sun baafamee ture.
Hospitaalli Albert Einstein bakka Peléen keessatti yaalamaa ture ibsa barreeffamaan kenneen Peeleen waan qaama isaa keessa jiru hedduunhojjachu diduu isaan du’uu isaa beeksisee jira.
Waaan nuti har’a keessa jirru hundaaf galanni isaa kan keeti, jaalala daangaa hin qabneen si jaallanna. Nagaan boqodhu," jechuun intalli peelee Keelii Naashimeetoo inistaagiraamii irratti barreessitee jirti.
Deeggartoonni taphataa kubbaa miilaa beekamaa kanaa Wiixata dhufuu irraa eegalee istaadiyeemii inni kubbaa miilaa itti taphate keessatti kabaja isaaf qaban isa dhumaa agarsisuuf jiru.
Sanduuqaii reeffa Pelee baatu wiixata dhufu ganama Istaadiyeemii Vila Belmiro, Sao Paulo ala jirutti akka ga’uuf kan karoorfame yoo ta’u, sa’aatii 24f achitti ni tura jedhamee jira.
Forum