Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baankiin Wugaagan Maqalee Keessatti Tajaajiila Jalqabe

FAAYILII - Nama maallaqa mashinii ATM keessaa baafate lakaahaa jiru
FAAYILII - Nama maallaqa mashinii ATM keessaa baafate lakaahaa jiru

Baankiiwwan dhuunfaa Itiyoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Baankiin Weegaagen, magaalaa Maqalee keessatti har’a tajaajila itti fufuu isaa beeksisee jira. Kunis tajaajiloonni ijoo biroos ji’oota 18 boodas deebi’anii waan eegalaniif, guyyaa har’aa Mekeletti tajaajila baankii eegaluu beeksise.

Tajaajilli deebi’anii banamanis, geejjiba qilleensaa irraa fi telekoomii kan dabalatu yoo ta'u, waldhabdee waggoota lamaaf lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'aman galaafaten booda.

Baankii guddichi Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaas yeroo dhiyootti tajaajila akka eegalu akeekee jira. Gama biraatiin tajaajiilli balalii xayyaaraa kan Itiyoophiyaa guyyaa har'aa, gara magaalaa Shiree balalii eegaluu isaa, Mulugeetaa Atsibaha Maqalee irraa gabaasee jira.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG