Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa fi Riphxee-loltoonni Benishangul Gumuz Waliigaltee Tolfatan Jedhame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Naannoo Benishaangul Gumuz keessatti ajajootni waraanaa gurmuulee hidhattootaa mootummaa naannoo waliin walii galtee nagaa mallatteessuun hidhattoota isaanii waliin gara hawaasaatti deebi’an, “erga walii galteen nagaa irra gahame nagaan naannicha keessatti bu’eera” jechuun ibsan.

Ajajaan waraanaa Sosochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul /BEHNEN/ Abdulwahaab Mahaadii, “yoo nagaan badu Itoophiyaan ni dhippatti, yoo nagaan jiraatummoo Itoophiyaan ni bal’atti” jechuun nagaa waaraa fiduuf akka hojjatan beeksisan.

Gama biraan, Dura-taa’aan Sosochii Bilisummaa Uummata Gumuz /GUDHEN/ Giraanyi Guddataa, “Nagaa waaraa fiduuf ni hojjanna” jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG