Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliilaand Keessatti Walitti Bu’iinsa Umameen Namnii Diigdamnii Ajjeefaman


Somaliland keessatti guyyoota hedduudhaaf mormitoota mootummaa fi humnoota nageenyaa gidduutti walitti bu’iinsa uumameen yoo xiqqaate namoonni 20 du’uu isaanii Doktorri hospitaala mootummaa tokko beeksisee jechuu isaanii dhaabbatii oduu Rooytars gabaasee jira..

Torban tokkoo caalaaf poolisii fi waraanni biyyatti, mormitoota waliin magaalaa Laascaanood, kan Somaliland bahaa keessa jirtuutti wal dura dhaabannaa qabaataa turan.Iddoon kun somaaliilaand fi ollaa kan taate Puntland bakka irratti wal falaman ta’uun beekamti.

Hospitaala uummataa Laaskaanood, keessatti argamutti Doktoora kan ta’an Mohaammad Faraah, yoo xiqqaate namoonni 20 du’uu fi kudhanootaan kanneen lakka’aman madaa’uu Rooyitarsiif himan. Reeffi namoota miidhamanii gara hospitaalichaatti fidamanis argeera jedheera.

Mormitoonni kun, Somaalilaand to’annoo magaalattii Puuntlaandiif akka kennitu gaafachaa jiru. Kana malee, humnoonni nageenyaa tasgabii dhabiinsa magaalattii keessatti mul’atu dhaabuu dadhaban jechuun himatu.

Somaaliland humnaan magaala Laaskaanood dhuunfattee to’achuu ishee kana mirkaneessuu dadhabde. Kanaaf, akka gadhiiftu gaafahaa jirra jedhan, jechuun dubbi himaan mormitoota kanaa Adaan Jaamac Oogle Rooyitarsiif himanii jiran.

"Dhiigni namoota nagaa itti fufinsaan dhangala'uu obsuu hin dandeenyu jedhan."

Poolisiin akka yaada gama isaa kennuuf Rooyitars bilbilaan gaafatuus, battalumatti deebii hin laanne.

Somaalilaandiin bara 1991 Somaaliyaa irraa addaan baate malee, walabummaa isheetiifbeekamtii addunyaa bal’aa hin arganne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG