Xurree ittiin seenan

Breaking News

Libiyaa Keessatti Awwaalli Jumlaa Argamee Jira


Sirtee, Liibiyaa
Sirtee, Liibiyaa

Magaalaa qarqara galaanaa waaltaa Sirte kan Libiyaa keessatti awwaala jumlaa kan namoota 18 argachuu isaanii aangawoonni Libiyaa ibsanii jiru. himaniiru.

Iddoo awwaalli kun itti argamees, walitti bu’iinsa biyyatti mudatee keessatti maadhee jabaa kan garee Islaamiik Isteet ture.

Waajirri namoota eessa buteen isaanii dhabame hordofuu Dilbata kaleessaa ibsa baaseen, reeffi namootaa kun gara hospitaala sirxeetti ituu hin ergamiin dura, naannoo Sabaa jedhamu keessaa qotameee ba’e.

Hogganaa abba irree biyyatti mo’ammar Gaadaafiif bakka dhaloota isaanii kan taate Sirteen bara 2015 fi 2016 gidduutti to’annoo garee Islaamummaa jala galte. Gareen hidhattootaa kun al qaayidaa waliin, biyya boba’aan badhaadhe kana keessaa bu’aa argachuuf jecha milla gad dhaabate.

Kunis finciila bara 2011 ka’e fi waraana sivilii biyyatti liqiimse kan Neetoon giddu seene eega ka’e booda.

Hidhattoonni kunneen dhuma irratti Muddee bara 2016 humnoota Liibiyaa Amerikaa fi tokkummaa mootummootaan deeggaramaniin magaalaa guddoo Tripoli keessatti ari’aman.

Loltoonni garee Islaamummaa duraanii kun kanneen dhibbaan lakkaa’aman manneen hidhaa Liibiyaa keessatti hidhamanii kan jiran yoo ta’u, hedduun isaanii murtii eegaa jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG