Yunaaytid Isteetis Burkiinaafaasoo keessatti jijjirraa mootummaa kaan heera biyyatti faalleessu gaggeeffamu ilaalchisee yaaddoo guddaa qabaachuu ishee ibsuun, sagantaa filannoo daldalaa AGOA irraa Burkinaa Faasoo akka baafte waajjirri Bakka Bu’aa Daldalaa Ameerikaa Wiixata darbe ibseera.
Mootummaan fincila Islaamummaa to’achuu dadhabuu isaatiin bara 2022t Burkinaa Faasoo keessatti fonqolcha waraanaa lama gaggeeffame.Hogganoonni irree waraanaa ka duraaniis ta’e kan ammaa nageenya cimsuuf tattaaffii taasisaniiru, garuu haleellaan Islaamummaa itti fufeera.
Ministeerri dhimma alaa irree waraanaa kan Burkiinaafaasoo, murtii Yunaaytid Isteetis kanaaf wiixata har’a deebii kenneen ibsa baatii Sadaasa keessa baasee ture sana irra deebi’uun yeroon gara dimokiraasiitti deebi’uuf qabamee hin jijjiiramne jedhe.
Burkina Faasoo waliigaltee ji’a Adooleessa keessa garee naannoo Afrikaa Dhihaa (ECOWAS) waliin taasifameen, ji’oota 24 keessatti gara bulchiinsa heera mootummaatti deebi’uuf waadaa galtee turte.
Burkinaa Fasooon ulaagaa seeraa guutuu waan dadhabdeef jecha sagantaa daldalaa AGOA irraa keessaa baafamuu ishee, bakka bu’an waajira Daldala Yunaaytid Isteetis ibsa Dilbata kaleessaa baaseen beeksisee jira.
Forum