Xurree ittiin seenan

Breaking News

Industiriiwwan Itiyoophiyaa 446 Hojii Dhaabaanii Turan Keessaa 189 Hojii Jalqabuun Ibsame

FAAYILII - Dubartoota Hawaasaa Industriyaal Paarki keessatti hojiitti jiran, Hawaasaa, Onk. 1, 2019
FAAYILII - Dubartoota Hawaasaa Industriyaal Paarki keessatti hojiitti jiran, Hawaasaa, Onk. 1, 2019

Waggoottan muraasa darban keessa Industiriiwwan Itiyoophiyaa omisha dhaabanii turan keessaa 189 gara omishaatti deebi’uun ibsame.

Ministirri Industirii mootummaa Ityoophiyaa Melaakuu Aleebel VOAti akka himanitti, waggaatan darban keessa hirdhina maalaqaa, rakkina bu’uraalee misoomaa fi deggersa qindaawaa mootummaa dhabuudhaan kan ka’ee industroonni 446 hojii dhaabanii turan.

Ji’a caamsaa darbee keessaa sochii “Itiyoophiyaan Haa homishtu” jedhu jalqabuudhaan rakkinaawwan jiran hiikanii industirootaa omishaa barbaachisaa ta’an hojii jalqabsiisuun akka itti fufe Addis Chekol gabaaseera.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG