Sudaan Kibbaa kutaa Joongilee keessatti guyyoottan sadan darbaan waltii bu’insaa raawwatameen yoo yaratee namoonni 6 du’anii hedduun madaa’uu isaanii akkasumas, loon kuma tokkoo fi dhibba afurii fi ja'aatamni haleelaa aanaa Uroor jedhamu keessatii raawatameen saamamuu isaanii haanga’oonii mootummaa naannoo Joongilee ibsuun isaanii gabaasameera.
Ministirii odeeffannoo mootummaa naannoo Jongilee, John Samu’eel Manyu’on jiraattonii kutaa isaanii dargaggoonii hidhatanii naannoo olla bulchiinsa PIBOR keessa socho’an daangaa ce’anii haleella raawachuu danda’u jechuudhaan soda keessa akka jiran VOA ti himanii jiru.
Xiinxaltoonni siyaasaa Sudaan kibbaa , hokkorii biyyatii keessatti dhiheenya kan mul’achaa jiruu akka babalchaa hin deemne tarkaanfii attattamaa fudhatamuu akka qabu hubachiisuu isaanii Waakhe Simuun Wudduu Jubbaa irraa gabaasee jira.
Karaa biraatiin dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti, Sagantaan midhaan nyaataa Adduunyaa, WFPn karooraa tarsiimuu Sudaan kibbaa kan bara 2023 amma 2025 hojii irraa oolchuu jalqabuu isaa beeksisee jira.
Adeyinka Badejo bakka bu’an daarekteera WFP kan sudaan kibbaa akka VOA ti himanitti boordiin dhaabbatichaa qarshii Doolaara Biiliyoonii 3 fi qabxii 7 sadaasaa darbee keessaa ramaduu isaa ibsaniiru.
Akka dhaabbanii Mootummoota gamtoomanii jedhutti, sudhaan kibbaa keessatti namoonii balaa beelatiif saaxilaman miiliyoonii 8 caalaa isaanii dubartootaa fi ijoollewwan kan ta’an yemuu ji’a Eblaa amma Adoolessaatii waan jireenyaaf isaan gargaaruu barbaacha adeemaan haleellaan irratii raawachuu akka danda’u ibsuu isaa Deng Gahaayi VOA dhaaf gabaaseera.
Forum