Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aanaa Addaa Daraashee Keessatti Poolisii Tokko Dabalatee Namoonni Lama Ajjeefamuun Himame


FAAYILII - Adabaabaayii Summuudaa, Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019
FAAYILII - Adabaabaayii Summuudaa, Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Umnoottan nagaa eegdoota bulchiinsa Naannoo Kibba Ityoophiyaa fi namoottan hin hidhannee kannnen aanaa addaa Daraashee keessa jiran gidduutti walti bu’insaa umameen namoonii lamma Ajeefamuu isaanii kanneen ijaan argan VOA ti himanii jiru.

Jiraataan Aanaa addaa Daraashee gandaa Attayyaa obbo Genene Geetahun, Poolisootaa fi jiraattotaa gandaa giduutti hokkoraa taasifameen namoonni du’uu isaanii akka ijaan argan bilbilaan sagalee Amerikaatiif ibsaniiru.

Sababa Kanaan Kan ka’e jiraattonni kuma Afrii ol ta’an libbuu isaaniitiif sodaatanii naannoo isaanii gad lakkisanii akka baqatan jiraatan kun ibsanii jiru.

Komishineriin Poolisii naannoo kibbaa Alamayyoo Maammoo hookkara sanaan miseensii Poolisii tokkoo fi nammi yakkaan barbaadamu tokko du’uu isaanii deebii Sagalee Amerikaatiif kennaniin mirkanesaniiru.

Komishenerichii akka dabalanii jedhanitti, poolisiin nannoo fi kan feederaalaa yemmuu yakkamtootaa bakka isaan hin jiretti himannan irratti dhihaatee too’annoo jala olchuudhaaf soco’aa turan, namoon akka yakkamtoonni sun hin qabamne barbaadan hookkora kaasaniin rakkinichii umamuu isaa ibsuu isaanii Yoonatan Zebdiyoos Hawaasaa irra gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG