Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessati Haleellaa Raawwatameen Namoottan 10 Ajjeefaman


FAAYILII - Namoota bakka haleellan dhaqqabe keessaa reeffa namoota ajjeefamanii kaasan, Sadaasa 5, 2021
FAAYILII - Namoota bakka haleellan dhaqqabe keessaa reeffa namoota ajjeefamanii kaasan, Sadaasa 5, 2021

Somaliyaa keessatti Roobii har’aa konkola’attota lamma irraatti haleellaa qaqqabeen namoonii 10 du’anii hedduun maadaa’u isaanii haanga’oota Poolsii biyyatti waabeffachuudhaan Assooshiyeetid Prees/AP gabaaseeraa.

Kutaa Hiraan bakka Mahaas Jedhamuu irratii haleelaan raawatame kun mooraa loltootaa kan naannoo sana jiru irrati kan akkeekkatee ta’u isaa kan ibsee gabaasnii AP gareen Al shabaab itti gaafatamumaa fudhachuu isaa beeksiseera. Balaa Kanaan namoon du’an hunduu Siviilota akka ta’an beekameera.

Karaa biraatiin, Prezidaantiin Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaammud bara haaraa 2023 keessaa mootummaan isaanii garee hidhattoota Al shabaab akka balleesuu ibsanii jiruu.

Prezidaantin Somaliiyaa hasaa simannaa bara haraa sababeeffachuudhaan taasisanin barii haaraan 2023 Somaaliyaa keessatti bara badhaadhinii fi nageenyii itti mirkanaa’udhaa jedhaniiru.

Prezidaanti Haasan Sheek Mohaammud erga aangoo qabatanii as waraanni biyyaalessaa Somaliiyaa milishoota Gosaalee waliin ta’uudhaan tarkaanfiin garee hidhatootaa Al shabaab irratti fudhachaa jirun milkaa’nsaa akka argachaa jiru gabaasameeraa.

Haasa Prezidaantichaa irratti namoottan yaada kennan keessa tokko itti aanaa muummee ministiraa kan turaanii fi yeroo amma dhaaba miti-mootummaa “Horncenter” jedhamuu fi wiirtuu qorannoo imaammataa kan hoggananu Ahimad Abdiisalaam yaadaa Prezidaantichaa dinqisiifatanii , hojii dhimmaa nageenya biyyatti garee naga eegdotaa gamtaa Afrikaa irraa dhiheenyatti fudhachuuf akka karoorfatan himanii jiru.

Somaaliyaa keessatti xiinxalaa siyaasaa kan ta’an Abdulaahii Gaafoow gama isaniitiin, haasaan Prezidaantichaa, haasawwan hoggantootaa mootummaa biyyatti duraanii irraa akka adda hin taanee ibsanii qoqqobiin meeshaa waraanaa dhaabbanni mootummoota gamtoomanii irraa kaa’e amma hin kaaneetti biyyatiin of dandeessee akka gargaarsaa waraana gamtaa Afrikaa jalaa bahu hin dandeesu jedhan.

Waraanii gamtaa Afrikaa bara 2007 jalqabee somaaliyaa keessa kan jiru yemuu ta’u, dhuma baraa 2024 irraa kaasee ergamnii fi dirqamnii isa ni xumurama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG