Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummoota Gamtoomanitti Manni Maree Nageenyaa Miseensota haaraa Simate


FAAYILII - Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, Manna Maree Nageenyaa
FAAYILII - Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, Manna Maree Nageenyaa

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, manni maree nageenyaa biyyoottan haraa waggottan lamman dhufaanuuf miseensa mana marichaa ta’uuf filataman simatee jira.

Ekuwaadoor, Jaappan, Maaltaa, Moozaambikii fi Swizerlaand bakka bu’otaa isaanitiin teessoo isaanii kan qabataan yoo ta’u, isaan keessa biyyii Afrikaa Moozaambikii fi Swizerlaand miseensa mana marichaa yemuu ta’an yeroo jalqabaatiif akka ta’e ibsameera. Maaltaan yeroo lammafaa, Ekuuwaadoor yeroo Afuraffaa, Jaappan immoo yeroo 12ffaadhaaf teessoo miseensumaa mana marichaa qabachuu isaaniiti.

Waggaatan lamman darbaniif miseensota mana marichaa kan turan Indiyaan, Ayerlaand, Keniyaan, Meekisikoo fi Noorway miseensumaan isaanii Muddee 31 bara 2022 kan raawwate. Mana maree dhimmaa nageenyaa kan mootummoota gamtoomanii keesatti Chaayinaa, Fraans, Raashaan, Yunaayitid Kiing Damii fi Yunaayitid Isteets teessoo dhaabataa kan qaban yemuu ta’u, biyyoottan kudhan immoo naannoo isaanii bakka bu’udhaan wagga lama lamaan yaa’ii waligalaa dhaabatichaatiin filatamu.

Yeroo amma biyyootan Shan kan wagga lamaaf miseen ta’anii teessoo isaanii irra jiran Albaaniyaa, Biraaziil, Gaaboon,Gaanaa fi Yunaayitid Arab Imeereets.

Erga manni marichaa hundeeffamee bara 1946 kaasee biyyootan miseensaa dhaabbichaa 60 ta’an miseensaa mana maree nageenyaa ta’udhaaf ittuu carraa hin argatin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG