Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeven Maakaartii Harras Yeroo 7ffaadhaaf Moo’uu hin Dandeenye


Miseensa Mana Maree Ameerikaa Rippablikaanicha Keeveen Maakartii, Amajjii 2021
Miseensa Mana Maree Ameerikaa Rippablikaanicha Keeveen Maakartii, Amajjii 2021

Guyyoottan lamman darbaniif afaan yaa’ii isaa filachuu kan hindaanye manii maree bakka bu’aataa mootummaa Yunaayitid Isteets kamisaa har’aas walgahii isaa itti fufee jira.

Kaadhimama Paartii Kongireesii keessatti sagalee caalaa qabuu kan Repabilikaanootaa ta’udhaan aangoo Afaan Yaa’tiif kan dorgomaa jiran Keeveen maakartii , guyyaa qibxataa sagalee yeroo sadii kennameen sagalee isaan moo’achiisuu danda’u 218 dabanii walagahichii Roobii kalessaatiif bulee ture. Haa ta’u malee harras sagalee kennameen Maakartiin Yeroo 7ffaadhaaf sagalee gahaa ittu hin argatin hafaniiru.

Bakka bu’aa kutaa Kaalifoorniyaa kan ta’an Keeven Maakartii akka Sagalee gahaa hin argannee kan taasisan miseensotaa paartri biraa ittu hin ta’in , miseensotaa Paartii isaanii wareen Maakaartiin Ilaalchaa jabaa hin qabu jedhanin.

Seenaa wagga 100 mana maree mootummaa Yunaayitid Isteets keessatti Afaan yaa’ii paarti Demokiraatotaatin ykn Repaabilikaanotaatin kaadhimame kenna sagalee marsaa jalqabaatiin yemuu filatamuu dhabuu innii barana isaa jalqabaa akka ta’e ibsameeraa.

Amma Afaan yaa’ii filatamutti, miseensonii mana maree wareen haaraa barana filataman sirnaa kakuu raawwachuu akka hin dandeenyeefi akka waliigalaatti manni marichaa akka hojii isaa jalqabuu hin dandeenye ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG