Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwaalcha Poop Benediikt Raawwatame


Sirna awwaalcha Poop Benediik, Amajjii 5, 2023.
Sirna awwaalcha Poop Benediik, Amajjii 5, 2023.

Sirnii Awwlachaa hoggana waldaa amantaa Kaatolikii adduunyaa duraanii poop Benediikt kamisa har’aa yemuu raawwate bakka bu’aan isaanii Poop Fraansiis argamanii sirna geeggesaa isa dhumaa eebisanii jiru.

Poop Emeriitas Benediikt 16ffaan umurii isaanii wagga 95ti kan du’an boqotan Sanbataa dheengaddaa yemuu ta’u, guyyootan Sadiifi sirnaa geegeesaa taasifamaa tureen namoonni kuma 200 ol bakka reenfii isaanii boqoteti argamuudhaan, kabajaa isaaniif qaban ibsaa akka turan beekameera.

Guyyaa kamisa har’aa namoottan kuma kudhaniin laakawaman bakka reenfii isaanii boqotu waldaa amantaa St. Piiters Baasiiliikaa fuulleetti waltii qabamanii reenfaa isaanii bakkka boqonaa isa dhumaatii geggesaniiru.

Poop Firaansiis sirnaa awaalchaa kana irratti haasaa eebbaa taasisaniin, Poop Benediiktin “ beekaa, gaarii fi kutannoo qabeesaa” jechuudhaan faarsanii jiru. Sirna geggesaa kana irratti Kaardinaalonni 125, Biishoopponni 200 fi luboonni kuma 3 fi 700 hirmaachuun isaanii gabaasameera.

Waggoottan Sadeetiif waldaa kaatolikii Aduunyaa kan hogganna turan Poop Benediikt “qamnii koos, Sammuun Koos dadhabeera” jechuudhaan seenaa waldichaa wagga 600 keessatti yeroo jalqabaatiif bara 2013 anngoo fedhii isaaniitiin gadi lakkisuun isaanii ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG