Rippabilikaanonni Kongiresii Amerikaa keessaa Jimaata har’a guyyaa afraffaaf af-yaa’ii haaraa mana maree bakka bu’oota uummataa Yunaaytid Isteetisiif filachuuf yaalii godhu
Gareen seera tuumtoota 20 of keessaa qabu, miseensi Kongiresii kan Kaalifoorniyaa Keevin Maakaartii af-yaa’ii mana maree ta’uun akka hin filamneef danqanii jiru.
Kanaafis sababaan kennan, kaayyoo yaada irratti cichitootaa ykn warra Konsarvaati bakkaan hin ga’u jedhanii amanu.
Guyyaan sadaffaaf filannoo hogganaa haaraa mana maree isa gad-aanuu miseensota 435 qabu filachuuf sagaleen kenname, isuuma guyyoota lamaan jalqabaa fakkaata.
Waggoota 16f miseensa mana maree kan turan fi amma hogganaa Rippabilikaanoota mana maree kan ta’an Makaartiin, caalmaa sagalee 218 kan isaan injifachisuu danda’u argachuu hin dandeenye.
Af-yaaii filachuuf jecha hanga ammaatti deemsii sagalee kennuu marsaa 11 hanga kamisaa kaleessaatti guyyaa sadiif gaggeeffame hin milkoofne.
Forum