Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa fi Hokkarri Mana Maree Amerikaa Irratti Gaggeeffame Har’a Waggaa Lama Guute


Miseensonni Mana Maree Ameerikaa yaadannoon Amajjii 6 gaggeessan, Amajjii 6, 2023
Miseensonni Mana Maree Ameerikaa yaadannoon Amajjii 6 gaggeessan, Amajjii 6, 2023

Amajjii 6, 2021, finciila hokkaraan guutamee mana maree Yunaaytid Isteetisirratti eega gaggeeffamee har’a waggaa alama guutee jira.Kanas deggertoota prezidaanticha duraanii kan Donaald Traampitu, ba’iin filannoo prezidaantummaa kan bara 2020 mirkanii akka hin arganne danquuf ture.

Miseensota Kongireesii kan paartilee lamaanii Jimaata har’a ganama gamoo mana maree biyyatti karaa gama bahaa irratti walitti qabamanii, qondaaltota sababa haleellaa gaafa sanaan lubbuu isaanii dhaban ykn miidhaman kabajaa qaban ibsu.

Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden guyyaa har’a Waayit Haawus keessatti sirna Meedaala Pirezidaantii kan lammileef kennamuu namoota 12f kennuudhaan kabaju.

Qondaalli Waayit Haawus tokko akka jedhanitti, Guraandhala 6, 2021 ilaalchisee gumaacha dimokiraasii keenyaaf fakkeenyummaa qabu gaggeessan yaadanna jedhan.

Meedaalli Pirezidaantii lammiilee Amerikaa kanneen “biyya isaaniif ykn lammiilee isaaniif hojiiwwan tajaajilaa fakkeenya ta’an raawwataniif” beekamtii kenna.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG