Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Gargaarsi Raabsamuu Dabalaa Kan Jiru Ta’uus Hanqinni Nyaataa Jabaan Jiraachuu Ibsamee Jira


FAAYILII- Konkolaataa qarqqaarsa fe'ee deemu
FAAYILII- Konkolaataa qarqqaarsa fe'ee deemu

Wal waraansii keessatti gaggeeffamaa kan ture Naannoolee Tigraay Kaabaa fi Afaar keessatti gargaarsa raabsuu dabalaa kan jiru ta’u, Dhaabbanni qindeessaan gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummoota (OCHA) Kamisa kaleessaa akka beeksisee jira.

Ochaan Garuu gabaasa isaa isa dhiyeenyaa kanaa keessatti kanneen hanqinni nyaataa isaan mudatee dabaluun akkaan yaaddeessaa ta’u fi haala sodaachisaa ta’een ol’aanaa ta’u ibseera.

Batii sadaasa dabree Aanga’oota Itiyoophiyaa fi ka Tigraay gidduutti walii galteen nagaa nagaa tolfamuus, naannoo hanga tokkotti karaan itti gargaarsa geessan rakkisaa ta’uu ibsee jira.

Dubbii himaan komiishina ittiisa balaa kan Itiyoophiyaa Obbo Dabbabaa Zawdee akka jedhanti, naannoo jaarmayoonni gargaarsa namoomaa kanneen biroon dhaqqabuu hin dandeenye geenyee jirra jedhan.

Kunis naannoo daangaa ertraa dabalatee namoota kuma 81f nyaatii kennamuu ibsan.

Itiyoophiyaa gama kaabaa bulchiinsa nannoo Tigraay Amaaraa fi Afaar dabalatee namnii militoona 8 caalan gargaarsa nyaataa argatanii jiru jedhu Obbo Dabbabaan.

Kana ilaalchisee deebii Itiyoophiyaatti dubbii himaa Tokkummaa mootummootaa argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun Maayaa Misikkir Finfinnee irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG