Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaa Haaraan Kan Chaayinaa Afriikaatti Imaluuf Jiru


FAAYILII -Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa haaraan Chi Gaang yeroo Amaasaddarrii Chaayinaa ka Ameerikaa turan, Adoolessa 28, 2021
FAAYILII -Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa haaraan Chi Gaang yeroo Amaasaddarrii Chaayinaa ka Ameerikaa turan, Adoolessa 28, 2021

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa haaraan chi Gaang imala torbee tokkoof biyyoota Afrikaa shan keessatti gaggeessuuf saganteeffataniin, hojii isaanii kan eegalan Ministeerri Dhimma Alaa Ibiyyatti wiixata har’a beeksisee jira.

Hanga yeroo dhiyootti Ameerikaatti ambaasaaddara Chaayinaa kan turan Chi Gaang, Guraandhala 9-16tti Ityoophiyaa, Gaaboon, Angoolaa, Beeniin fi Masrii akka daawwatan dubbi himaan Waang Weenbin ibsa miidiyaalee guyyaa guyyaan kennaniin ibsaniiru. Masrii keessattis barreessaa olaanaa Liigii Arabaa waliin wal arguuf jiru.

Ministerri haajaa alaa haaraan kun tarkaanfii aangawaan iddoo sana irra turan duraanii waan hojjataa turan hordofaa kan jiran yoo ta’u, waggoota kurnan sadii oliif waggaa waggaan imala gara Afrikaa taasisaniin hojii isaanii jalqabaa turan.

Kunis, Chaayinaan michummaa aadaa Afrikaa waliin qabduu fi guddina hariiroo Chaayinaa fi Afrikaaf iddoo guddaa akka kennitu agarsiisa,'' jedhan Waang.

Amerikaan Afrikaa keessatti dhiibbaa uumuuf Chaayinaa waliin wal’aansoo qabaa jirti, Pirezidaantiin Joo Baayiden walgahii Muddee dabreevWaashingitan keessatti gaggeeffame irratti hoggantoota Afrikaaf waamicha dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG