Xurree ittiin seenan

Breaking News

Polisiin Keniyaa Kanneen Ajjeechaan  Edwiin Chilubatin Shakkaman Hidhaa Jira


Qabsa’aa waa’ee namoota saala wal fakkaataan jaalalleewwani ta’anii kan ta’e  Edwiin Chilubaa, suuraa Keeniyaa,Kakameegaa keessatti Caamsaa 9, 2019 ka'eefii miidiyaa hawaasummaa irraa argame
Qabsa’aa waa’ee namoota saala wal fakkaataan jaalalleewwani ta’anii kan ta’e  Edwiin Chilubaa, suuraa Keeniyaa,Kakameegaa keessatti Caamsaa 9, 2019 ka'eefii miidiyaa hawaasummaa irraa argame

Keniyaa keessatti, ajjeechaa qabsa’aa waa’ee namoota saala wal fakkaataan jaalalleewwani ta’anii kan ta’e Edwiin Chilubaa kan reeffi isaa kukkutamee saanduuqa sibilaan daandii cinatti gatamee argame irratti Poolisiin Keeniyaa shakkamtoota dabalataa to’annaa jala oolchuu isaa miidiyaaleen Dilbata kaleessaa gabaasanii jiru.

Kanneen mirga namaaf falman namoota akka Edwiin Chilubaa kanneen hawaasa keessaa e eeguuf carraaqqiin cimaan akka godhamu waamicha dhiyeessan.Kunis erga Edwiin suluula Keeniyaa Lixaa keessatti haala hokkaraan guutameen ajjeefamee booda.

Poolisiin Jimaata darbe akka jedheetti, ogeessa suuraa kaasuu kan Edwiiniif hiriyyaa yeroo dheeraa ta’e to’anna jala olcheera. Drgaggeessa ganna 25 kan ta’e Edwiin Chilubaa Keeniyaa keessatti adda duree qabsaa’aa akkasumas moodeela fi dizaayinara faashinii ture.

sambata darbe shakkamtoonni biroo sadii reeffa isaa gatuu keessatti gahee qaban jedhamuun to'annoo jala ooluu isaanii gabaasni miidiyaalee qondaaltota poolisii wabeeffachuun gabaasan.

Reeffi Edwiin Chilubaa magaalaa Eldoreet irraa gara kiiloo meetira 40 fagaatee kan argame, erga konkolaataa reeffa isaa fe’e deemaa ture irraa gatamee booda ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG