Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Tikaa Duraanii Hidhaa Ba’anii jiru


FAAYILII - Manni Murtii Feedeeraala Olaanaa, Finfinnee, Sadaasa 1, 2011.
FAAYILII - Manni Murtii Feedeeraala Olaanaa, Finfinnee, Sadaasa 1, 2011.

Waggoota darban Afuriif mana hidhaa keessa kan turan, duraan tajaajiila odeeffannoo Tikaa kan biyyooleessaaf itti aanaa Daayreekteeraa kan turan Obbo Yaareed Zarihunii fi dhaabatuma kana keessatti itti gaafatamaa kutaa hojii kan turan Obbo Amaanuuel Kiroos dabalatee namoonni 9 kaleessa hidhaa ba’u isaanii Sagaleen AMeerikaa maatii isaanii irraa mirkaneeffatee jira.

Manni Murtii Feedeeraala olaanaan kamiisa dabree dhaddacha ramaddii taa’een, himatamtoonni salgan, hidhaa wagaa 3 hanga waggaa shaniin akka adabaman murteessee ture.

Himatamtoota salgan keessaa sadii, yeroo hidhaa itti muramee waan xumuraniif guyyuuma sana akka hiikaman manni murtii ajaja kennee ture.

Manni murtii kun baatii shan dura dhimmi isaanii bakka isaan hin jirreetti ilaalamaa kan ture, duraan tajaajiila odeeffannoo Tikaa kan biyyooleessaaf Daayreekteeraa kan turan Obbo Geetaachoo Asaffaa dabalatee , kanneen hidhaa keessa jiranii falmaa turanii raga of irraa ittisuu dhiyeessuu akka hin dandeenye kannen ibsan irratti, hidhaa waggaa 18 hanga baatii 9 dabarsuun isaa ni yaadatama jedchuun Gabra Mikaa’eel Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG