Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeeriyaa Keessatti Namoonni Buufata Baaburaatti Buutaman Barbaadamaa Jiru

FAAYILII- Poolisii buufata baaburaa Abujaa keessa jiru tokko keessa darbaa jiru, Naayjeriyaa, Muddee 5, 2022.
FAAYILII- Poolisii buufata baaburaa Abujaa keessa jiru tokko keessa darbaa jiru, Naayjeriyaa, Muddee 5, 2022.

Humnoonni nageenyaa kan Naayijeeriyaa imaltoota baaburaa 30 ol kanneen dhuma torban darbee namoonni hidhatan buufata baaburaa kutaa Edoo gama kibbaa haleeluun butan barbaadaa jiru.

Imaltoonni kun baabura galgalaa seenuuf eegaa osoo jiranii hidhattonni dhukaasa bananii miidhaa irra gahan. Haleellaa kanaan namoonni 32 butamanii kan fudhataman yoo ta’u tokko keessaa miliqee ba’eera jedhu aangawoonni.

Haleellaan akkasii Naayjeriyaa Kibbaa keessatti ennaa dhaqqabu kun kan jalqabaa yoo ta’u, filannoo baatii dhufu jechuun Guraandhala keessa gaggeeffamuuf jiru dursee yaaddoo nageenyaa uumee jira.

Forum

XS
SM
MD
LG