Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi Himaan ABUT Meeshaa Waraanaa Gurguddaa Mootummaa Federaalaatti Dabarsinee Kennine Jedhu


Umuhungu wicaye ku mbunda nini yangirikiye mu ntambara ya Etiyopiya na Tigreya
Umuhungu wicaye ku mbunda nini yangirikiye mu ntambara ya Etiyopiya na Tigreya

Waligaltee nageenyaa mootummaa feederaalaa Ityoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigray(ABUT) gidduutti Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaa keessatti taasifame irratti hundaa’udhaan waraanni ABUT meeshaalee waraanaa gurguddoo mootumaa feederaalaatii dabarsee kennuu jalqabuu isaa dubbi himaan ABUT Geetacheewu Raddaa ibsan.

Obbo Geetachoon Roobii har’aa fuulaa tiwitarii isaanii irratti, gareen Gamtaa Afrikaa sirna hiikkannaa meeshaawwan waraanaa hordofuu isaaniieerudhan, walgaliteewwan taasifaman biroos akka guutummaatti hojiirra oolan abdii qabaachuu beeksisan.

Umnoottan Tigraay waraanii mootumma Eertiraa akka Tigraayiin gadi lakkisee bahu kan gaafatan yemmuu ta’au, namoottan ijaan argan kan waabeffate maddii oduu Assoosheetid Prees(AP) loltooni Eertiraa bakkaawan muraasaa keessa ammayyuu akka jiran gabaasee jira.

Walwaraansii lubbuu kuma dhibbatti lakkawaamu galaafate ergaa waligalteedhaan goolabamee booda, tajaajillawan bu’uuraa fi balaliin xiyyaaraa, gargaarsii namoomaa lammiwwan Tigraay gar gar citanii turaaniif ittu fufee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG