Haanga’onni mootummaa Ityoophiyaa haal-duree tokko malee namoottan mirga namoomaatiif falaman mana hidhaati gadi akka lakkisu dhaabbanii mirgaa namoomaaf falmuu Aminestii Intrernashinaal gaafatee jiraa.
Hojjattonni dhaabbata mana maree mirga namoomaa Ityoophiyaa (EHRCO) Daani’eel Tasfaayee, Bizu’ayehu Wendimnuu, Bereket Daani’eel fi Naa’om Huseen kan umnoottan mootummaatiin hidhaman Amajii 5 bara 2023 akka ta’e kan ibsee Aminestii Internaashinaal, namoonii kun kann hidhaman kibbaa magaalaa Finfinnee bakka Alam Baankii jedhamutti diigumsa manneen jireenyaa irratti raawwachaa ture yemmuu qorachaa turaan ta'uun ibsameera.
Himatamtoonii kun Amajii 6 mana murtiitti dhaahatnus hojii isaaniif hin eeyyamane irratti bobba’anii turan kan jedhee Poolisiin, qorannoo isaa waan hin xumureef guyyaan dabalataa akka eeyyamamuuf gaafate. Manni murtiis gaaffii poolisootaa fudhachuudhaan amma Amajii 11 tti guyyaa dabalaata eyyamuu isaa ibsi bahe ni agarsiisa.
Forum