Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wiirtun Dhukkuboota Daddarboo Afrikaa Finfinnee Keessatti Gargaarsa Chaayinaatiin Ijaarrame Baname


Ministirii dhimma alaa Chaayinaa sirna eebba wiirtu Dhukkuboota Daddarboo Afrikaa Finfinnee keessatti ijaarrame banuu irratti argaman, Finfinnee, Amajjii 11,2023
Ministirii dhimma alaa Chaayinaa sirna eebba wiirtu Dhukkuboota Daddarboo Afrikaa Finfinnee keessatti ijaarrame banuu irratti argaman, Finfinnee, Amajjii 11,2023

Biyyootan Afrikaa daawachaa kan jiran Ministirii dhimma alaa Chaayinaa, kiwiin gaang sirna baniinsaa wiirtuu dhukuubootaa dadarboo Afrikaa too’atuuf ittisuu isaa gargaarsaa Chaayinaatiin Finfinnee keessatti Ijaarame irratii ibsa kennaniin, Afrikaan mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii keessatti teessoo dhaabataa ta’e akka qabaattu gaafii dhiheesaa jirtu bira darbuudhaan, waa’ee nageenyaa fi misoomaa diinagidee biyyii isaanii Afrikaadhaa wajjin wojjachuu qabdu irratti xiyyeefachuun isaanii gabaasameeraa.

Dura taa’an Komishiini gamtaa Afrikaa Muusaa faakii Mohaammat ibsaa waloodhaan kennaniin, dhimmi Afrikaan Mana maree nageenyaa mootummataa gamtoomanii keessati teessoo dhaabbataa ta’ee argachuu dhimmaa Afrikaa isaa yerootti jedhanii jiru.

“Wareen biraa dhimootaa wareen biraa irratti murteesuun fudhatama hin qabuu kan jedhan Muusaa Fakii Mohaamat” Afrikaan enyuu wajinuu firoomuudhaaf hojachuuf akka banaa taatee ibsanii qajeelfaminni keenyaa, wantti nu dursa kenuufii barbnaannu fi fedhiin keenyaa eegamuu qabaa” jedhaniiru. Minsitrii dhimma alaa Chayinaa gama isaaniitiin “Afrikaan kan barbaaddu firoomaa fi walgargaarsaa malee waldorgomii cufaa ta’e mitti jedhanii, biyyootan Afrikaa akka gar tookoo qofa dhaabbatan eenyuu dirqiisiisuu hin danda’u” jechuun isaanii gabssameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG