Itiyoophiyaa daawachaa kan jiran Ministronni dhimaa alla mootumoota Jarmani fi Fraansay Prezidaantii Itiyoophiyaa Saahileworq Zawudee fi Muummicha Ministiraa Abiy Ahimad wajjin Guyya har’aa Finfinnee keessatti marii taasisanii jiru.
Ministirrii dhimaa alla Jarman Analeenaa Baa’eerbok fi Ministirrii Dhimaa Alla Fraans Kaatrii Kolonaan marii Prezidaant Saahileeworq wajjin taasisaniin waligaltee mootummaa feederaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay giduutti taasifamee hordofuudhaan hojii deebisaanii Ijaaruu kaabaa Ityoophiyaatti raawwatamuu irratti akka gargaarsaa taasisan ibsuun isaanii gabasaameera.
Ministrootaa dhimaa alaa kanaa wajjin marii taasisuuu isaanii karaa midiyaa hawaasaatin kan ibsaan Muummichii ministiraa Ityoophiyaa Abiy Ahimad mariin taasifamee walitti dhufeenyaa Ityoophyaan bara dheeraadhaaf Jarmani fi Fraansi wajjin qabduu kan calaqisiisuudhaa jedhanii, waggoottan Afuran darbaniif biyyootan lamman degersaa Ityoophiyaadhaaf taasisaniif galateefachuu isaani ibsaniiru.
Forum