Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasa Hiwmaan raayits Waach


Gabaasa Hiwman Raayits Waach bara 2022 irratti xiyyeefate, Amajjii 2023
Gabaasa Hiwman Raayits Waach bara 2022 irratti xiyyeefate, Amajjii 2023

Hogantoonni biyyoota Afrikaa miidhaawwan umnoottan mootummaa fi gareewwan hidhatootaa siviilota irratti raawachaa jiran dhaabissu fi wareen miidhamaniif haqaa argamsiisuu akka hin dandeenyee dhaabbanni mirga namoomaatiif falmuu Hiwumaan Raayits Waach ibsee jira.

Dhaabbatichi gabaasaa wagga baasee keessatti sarbiinsaa namoomaa biyyoottan Afrikaa Adda addaa keessatti raawwatan ibsee, gamtaan Afrikaa sirna sarbiinsaa mirgaa namoomaa ittin too’atuuf itiin gabaasuu akkasumas, badiinsaa dhufuu danda’u ittin hambisuu qabaachuu akka qabu hubachiisee jira.

Gabasaa marsaa 33ffaadhaaf bahe fi fuulaa 712 qabuu kana keessatti Hiyumaan raayits waach sochii mirgaa namoomaa biyyoottan 100 keessatti taasifaman gabaasee jira.

Gabaasaa Itiyoophiyaa ilaallateen walwaraansii kaabaa Itiyoophiyaa kessatti taasifamaa ture, naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affar keessatti, siviilota irratti miidhaa hamaa geessisuu isaa ibsee, naannoo Oromiyaa keessatti waltibu’iinsii umnoottan feederaalaa fi hidhattootaa waraanaa bilisummaa Oromoo giduutti taasifamaa jiruu eereera. Rakkina Oromiyaa keessa jiruu kanaan walqabatee sochiin wareen yakkawan raawatan itti gaafatamumaatti dhiheesuun akka laafaa ta’e HRW ibseeraa.

Kaabaa Itoophiyaatti waligalteen nageenyaa Ji’a Sadaasa keessa taasifamee haalaa diinummaa qabbaneessuu isaa HRW kan ibsee yemuu ta’u, Daarekteerri bakka buutun dhabichaa Tiraanaa Haasan waligalteen taasifamee akka fiixaan bahuuf Tigraay keessatti yakkawwan mirgaa namooa irratti raawwatamaniif itti gaafatamumaan mirkana’uu akka qabu ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG