Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Tigraay Keessaa Ba’u Jalqaban


FAAYILII - Miseensota milishaa Faannoo buufata xiyyaaraa Laalibalaa keessatti, naannoo Amaaraa, Muddee 7, 2021.
FAAYILII - Miseensota milishaa Faannoo buufata xiyyaaraa Laalibalaa keessatti, naannoo Amaaraa, Muddee 7, 2021.

Miseensonni humna addaa bulchiinsa naannoo Amaaraa walitti bu’iinsa Tigraay keessaaaf waliigaltee nagaa erga taasifameen ji’a lama booda naannoo Tigraay keessaa bahuu eegalan jechuun waraanni Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Raayyaan ittisa biyyaa kan Ityoophiyaa akka jedhutti, humnoonni Amaaraa kanneen mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa cina dhaabchuun lola turan magaalaa Shiree keessaa kan ba’an yoo ta’u iddoon kun, wiirtuu gargaarsa namoomaa ijoo kan taate, ta’uun ibsamee jira.

Humnoonni Amaaraa akkuma humnootii biyya ollaa Ertiraa irraa dhufan Sanaa, waliigaltee nagaa baatii sadaasa keessa mallattaa’e sana keessatti hin hirmaanne.

Kun immo, hojiirra oolmaa waliigaltichaaf rakkoo guddaa ta'ee jira.

Humni Amaaraa bahuu isaa kun kan ibsame erga humnoonni Tigraay qaama waliigaltee nagaa ta’uun meeshaalee waraanaa gurguddaa mootummaa Itiyoophiyaaf dabarsinee kenne jechuun erga ibsanii guyyaa tokko booda. Keessumaa humnoonni Tigraay waraanni Eertiraa Tigraay keessaa bahuu akka qabaU jechuun sagalee guddaa dhageessisaa turan.

Humni Amaaraa bahuun isaa madden walaba biraa mirkaniin hin argamne. Kan waliigaltee tolfame hojii irra oluu isaa to’atuu gamtaan Afrikaa dhaqqabuunis hin danda’amne.

Humni addaa Amaaraa akkuma gareelaa gama hundaa waldhabdee bara 2020 kaasee gaggeeffame sana keessatti, sarbama mirga namoomaatti hirmaateera jedhamee jira.

Miseensonni humna addaa kun amma iyyu Tigraay Lixaa kan to’atan yoo ta’u, aangawoonni Amaaraa iddoon kun kan isaanii ta’uu cimsanii dubbatu. Waliigalteen nagaa tolfamees, dhimma rakkisaa kana "heera mootummaa jalatti" haa furamuu jedhee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG