Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balalii Xayyaaraa Maqalee Irraa Ka’u Irratti Uggurri Umrii Imaltootaaf Ka’ame Hin Jiru : Bulchiinsa


FAAYILII - Imaaltootaa fi namoota isaan simatan, Buufata Xiyyaaraa Idila Addunyaa Boolee, Finfinnee, Muddee 28, 2022.
FAAYILII - Imaaltootaa fi namoota isaan simatan, Buufata Xiyyaaraa Idila Addunyaa Boolee, Finfinnee, Muddee 28, 2022.

Imaltoota Maqalee irraa xayyaaraan Ka’an ilaalchisee uggurri kaa'ame akka hin jirre, Mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay ibsee jira.

Hogganttn Biiroo Geejjibaa naannoo Sanaa aaddee Almaz Gebretsadik miidiyaalee biyya keessaaf akka himanitti, “manguddootaa fi warra yaala fayyaaf imalan qofaaf dursa kennaa turan” jedhan.

Imaltoonni magaalaa Mekele keessa jiraatan RSAf akka ibsanitti, uggurri imalaa kun hanga tokko itti fufee jira.

Akka imaltoonni kunneen jedhanitti, namoonni umriin isaanii 16 hanga 65 gidduu jiru hangi tokko Guraandhala 06 bar 2022 irraa eegalee balaliin akka imalan hin hayyamamneef.

Ta’uus garuu torbee darbee irraa eegalee fooyya'iinsi akka jiru eeraniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG