Humnoonni mootummaa Somaaliyaa magaalota lama kanaan dura garee hidhattoota al-Shababiin to’atamaa turan kan kutaa Galmudug giddu galeessa keessatti argaman qabachuu isaanii, mootummaan somaaliyaa beeksisee jira.
Ministeerri Ittisa Biyyaa somaaliyaa, Abdulkadir Mohaammad Nuur RSAf akka himanitti, humnoonni mootummaa fi looltonnii naannoo Harardheree fi Galcad erga hidhattoonni dheessanii booda wal waraansa tokko malee to’annaa jala oolchan. Harardhere magaalaa qarqara galaanaa ijoo fi duraan giddugala saamtota galaanaa turte. Magaalaa guddittii fi tarsiimoo qabeettii Galmudug keessaa yoo taatu hanga Wiixata har’atti harka al-Shabab keessa turte.
Guyyaan har’a, ummata Somaaliyaaf guyyaa guddaadha kan jedhan Nuur, lammiwwan biyyattif injifannoo dha jedhan. Konyaa Galcad fi Harardhere to’achuu milkoofneerra jedhan. Humnoonni mootummaa Somaaliyaa deggersa qabsaa’ota naannoo fi naannoo irraa argateen magaalota lamaan dhuunfachuuf duula hoogganaa akka jiran himaniiru.
Forum