Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayden Guyyaa Qabsaa’ichaa Maartin Luuter Kiing Juniyer Kabajan


Pirezidaant Joo Baayiden Waldaa Kristaanaa King’s Ebenezeer Baaptist keessatti Amajji 15, 2023.
Pirezidaant Joo Baayiden Waldaa Kristaanaa King’s Ebenezeer Baaptist keessatti Amajji 15, 2023.

Pirezidaantiin Joo Baayiden guyyaa dhaloota Maartin Luuter Kiing Juuniyer kabajuuf jecha gara "waldaa bilisummaa Ameerikaa fi seena qabeetti" jedhanii waamanti imalanii jiru.

Baayiden dimokiraasiin yeroo balaa ta'e keessa jiraachuu fi jireenyi fi hambaan hogganaa mirga lammiilee kanaa ''karaa nutti waan agarsisuuf agarsiisa, xiyyeeffannaa kennuu qabna'' jedhan.

Baayiden pirezidaantoota Ammerikaa aangoo irra ituu jiranii gara waldaa Kristaanaa King’s Ebenezeer Baptist jedhamu kana deemuun Dilbata kaleessaa ganama, barsiisa amantii ykn lallaba taasiisan kan jalqabaa ti.

Pirezidaant Baayden, haasawaa isaanii kana keessatti, gaaffii Maartiin Luutar King ofii isaa yeroo tokko saba kana gaafate kaasan. Kunis "As irraa kaanee garamitti deemna?" kan jedhu akka tureyaadachiisan.

Guyyaa dhaloota King Juniyeer kanatti, dhaamsii nutii qabnu jedhan Baayden, caasaa mootummaa nama tokko qofaan gaggeeffammuu mannaa, Deemookraasii filanna jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG