Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Amerikaa Iraan Keessatti Hidhame Iyyataa Jira


 Lammii Amerikaa hidda dhalata Iraan qabdu Iraan keessatti hidhamee jiru, Siamak Namazi (Suuraa faayilii)
Lammii Amerikaa hidda dhalata Iraan qabdu Iraan keessatti hidhamee jiru, Siamak Namazi (Suuraa faayilii)

Iraan keessatti hidhamee kan jiru lammiin Amerikaa hidda dhalata Iraan Siamak Namazi Iraan keessatti hidhamuu isaa itti fufuuf isaa xiyyeeffannoo akka argatu gochuuf , guyyoota torbaaf nyaata lagachuu kan jalqaban yoo ta’u, prezidaant Joo Baayiden lammiilee Ameerikaa Iraan keessatti hidhamanii jiran hunda akka gara biyyaatti deebisan gaafatee jira.

Namaaziin bara 2015 to'annoo jala ooltee himata basaasaa Ameerikaa fi Tokkummaan Mootummoota sobaa jedhaniin adabii irratti murtaa’ee jira.

Iyyanni isaa Wiixata har’a bifa xalayaa prezidaant Baayideniif barreesseen kan dhiyaate yoo ta’u, kunis karaa Abukaatoo isaa ifa ta’e.

Kunis guyyaa waliigaltee Iraan lammiilee Ameerikaa shan bilisa baasuun Ameerikaan immo lammiilee Iraan torbaaf dhiifama gochuun itti gadhiisan waggaa torbaffaa irratti iyyati kun ifa ta’e. Jijjiirraan sun hojiirra oolfma waliigaltee niwukilaraa Iraan waliin kan wal-simu yoo ta’u, yeroo sana Baayiden itti aanaa pirezidaantii Amerikaa turan.

Bulchiinsi Obaamaa osoo hin beekin balaa keessa na dhiisee lammiilee Ameerikaa biroo Iraan keessatti booji’amanii turan waggaa torba har’a jechuun, Amajjii 16 bara 2016 yeroo bilisa baasu, Mootummaan Amerikaa torban muraasa keessatti nagaadhaan gara Amerikaatti akka na deebisuu maatii koo waadaa gale turee jechuun Namazi barreesse.

Ta’us waggaa torbaa booda akkasumas bulchiinsa pirezidaantoota lama booda, mana hidhaa Evin kan maqaa gaarii hin qabnee fi Tehran keessatti hidhamee jira jedhe.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG