Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababa Kooviidiin Guddinni diinagdee Chaayinaa Gadii Bu’un Gabaafame 


FAAYILII -Gabaa magaala Beejiingi keessaa, Amajjii 11, 2023.

Sababa dhibee Kooviid 19n kan ka’ee guddinni Diinagdee Chaayinaa waggoottan kurnan Afur darban keessatti barana xiqqaa ta’ee galmaawee jira.

Biiron Staatistiiksii biyyaalesaa Qibxata har’aa ibsi baasee akka agarsiisutti, bara 2022 keessaa dinagdeen Chaayinaa kan guddatee dhibeentaa sadii qofa. Bara isa duraa 2021 guddinni dhibeentaa 8.1 akka galmaawee ture ibsameeraa. Erga bara 1970 as waan guddinaa diinagdee Chaayinaa irratti mulla’atee keessaa inni ammaa isa yaaddesaa 2ffaa akka ta’ee beekameeraa. Bara 2020 sababumaa Koovidiin kan ka’ee diinagdeen biyyatti guddinni agarsiisee dhibeentaa 2.4 qofa akka ture gabaasameeraa.

Biyyi guddina diinagdeetiin adduunyaa irraa sadarkaa lammafaa irra jirtu dhumaa wagga darbee keessaa diinagdeen ishee dhibeentaa 2.9 kan gadii bu’e yemuu ta’u, baraa isaa achi aanu 2021 keessaa dhibeentaa 3.9 gadi bu’ee turee.

Mootummaan Chaayinaa ji’a Muddee torbaa kaasee tarsiimoo “Ziiroo Koovid”jedhu ergaa hojiirra oolchee boodaa biyyatiin babala’insaa dhibee kooviid kan namoottan haaraa kuma 60 ta’an ajjeeseef saaxilamuun ishee gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG