Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul Humnootni Nageenyaa Minseensa Tokko Jalaa Ajjeesuu Ibse

FAAYILII - Marfata magaala keessa, naannoo Benishaangul Gumuz
FAAYILII - Marfata magaala keessa, naannoo Benishaangul Gumuz

Paartiin Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul humnootni nageenyaa mootummaa miseensa isaa tokko ajjeesuu fi namoota torba madeessuu beeksise.

Paartichi Sagalee Ameerikaaf, "taateen kun namoota dheengadda sirna baniinsaa waajjira xiqqaa aanaa Abraamootti geggeessamu irratti hirmaachuuf deemaa turan irratti raawwatame" jechuun ibseera.

Komishiniin Poolisii Naannichaa "Dhimmi kun ammallee waan hin qulqulloofneef odeeffannoo kennuu hin danda'u" jedheera.

Boordii Filannoo Biyyaalessaatti, Waajjirri Benishaangul, "haleellaa miseensota BEHNEN irratti raawwatame jedhame ilaalchisee komiin akka hin dhiyaanne beeksiseera.

Naakoor Malkaa gabaasa dabalataa ergeera.

Paartiin Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul Humnootni Nageenyaa Minseensa Tokko Jalaa Ajjeesuu Ibse
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:20 0:00

Forum

XS
SM
MD
LG