Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiileen Sudaan Kibbaa Butaman baraaraman


Sudaan Kibbaa keessatti dubartootaa fi ijoollewwan hidhatootaan umnaan butaman 88 ta’an baraaramuu isaanii ministirri odeeffanno bulchiinssa naannoo Joongilee Joon Maaniyun Sagalee Amerikaatti himani jiru.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Joongile fi bulchiinsii naanoo olla Piiboor Isa guddaa- 'Greater Pibor' lola ji’a guutuu hidhatootaa namoottan kana butaanii wajjin erga taasisanii booda, tarkaanfii duraatiin namoottan 68 boodaa irra immoo ijoollewwan 20 harka hidhattootaa keessaa baasanii dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhaabbataa dhimma ijoolewwanii hordofu UNCEF ti kennanii jiruu.

Sudaan Kibbatti ogeetti dhimma atattamaa kan 'UNICEF' Emaa Tuuk, gichi umnaan butuu, umnaan gudeeddii, hokkorri saalaa namoottan baraaraman kana irra gahuu isaa ibsaanii, unaan butamanni fudhatamuun qaamaa fi qor-qalbii ijoollewwanii, maatiif hawaasaa irratti dhiibaa guddaa akka qabuu sagalee Amerikaatti himuu isaanii gabaasinii chaalton Dookii Suudaan Kibbaa irra qophaaee ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG