Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Mootummaa Ityoophiyaa Qibxata Darbe Addigraat Seenee jira


FAAYILII - Magaala Addigraat, naannoo Tigraay
FAAYILII - Magaala Addigraat, naannoo Tigraay

Waligaltee nageenyaa mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa fi bulchiinsa naannoo Tigraay gidduutti taasifameen waraanni mootummaa Ityoophiyaa Qibxata darbee jalqabee magaalaa Addigraati seenuu isaa kantiibaan magaaliichaa Obboo La’ikee Tesfaamesqel mirkaneessan

Kantiibaan magaalichaa, waraanii mootummaa mooraa isaa duraanii keessa qubachuu isaa himani, bulchiinsi magaalichaa fi umnoonni nageenyaa naannoo hojii isaaniii idilee itti fufu isaani sagaalee Amerikaatiif ibsaniiru.

Jiraatan magaalaa Addigiraat tokko, waraanii Itiyoophiyaa karaa Zaala Anbessaa fi karaa Aduuwaatin Addigiraatiin seenuu isaa akka argan VOAti himaniiru. Jiraatuun makaalaa Asdigiraat biroo sagaleen Amerikaa haasofsiise, waraanii Ityoophiyaa yemmuu toora galee magaalichaa seenuu arguu isaani fi amma ammatti rakkinni nageenyaa akka hinjire himanii, waraanni mootummaa Eertiraa waan dhiheenyaa irra jiraniif soda qabna jedhanii akka garaa biyya isaaniitti deebi’uu qaban hubachisaaniiru.

Hogganaa garee araaraa kan ta’an prezidaantiin Naajeeriyaa duraani Oluseeguun Obosaanjoo tibbanaa ibsaa madda oduu Faayinaanshaal Taayims jedhaamuuf kennaniin walwaraansaa Kaaba Itiyoophiyaa keessa tureen namoonii kuma 600 ta’an du’uun isaanii akka hin oolle himanii waraanni Eertiraa Tigraay keessa akka bahee ibsanii jiru.

Dubbii himaan ABUT Geetachoo Raddaa fuulaa Tiwutarii isaanii irratti yaada gidduu kana keenanniin waraanni mootummaa Eertiraa ammayyu Tigraayiin keessa akka jiru ibsanii gareen gamtaa Afrikaa akka dhimichaa dhiheenyatti hordofuu gaafachuun isaanii beekameera, jedha gabaasni Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG