Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poopi Fraansis Sudaan Kibbaa Daawwachuufi


Vatican Pope Epiphany
Vatican Pope Epiphany

Hogganaan waldaa kaatolikii Roomaa Poop Fraansis biyya baha Afrikaa Sudaan kibbaa akka daawwachuuf deeman Sudaan kibbaatti hogganaan waldaa kaatoliikii Roomaa Arkibishoopiin jubbaa Steefen Ameyu Maartiin Mullaa ibsuun isanii gabaasameera.

Ji’a Guraandhalaa dhufee Sadii amma Shanii bara 2023 Poop Fraanssis fi hogantoonni biroo waldaa kirstaanaa kaatoliikii Romaa akka Sudaan kibbaa daawatan kan ibsan Mulaan , namoottan biyyatti keesatti qe’ee isaanii irraa buqa’ani 2000 magaalotaa Boor, Malaakaal, Waa’u Beentuu fi Toomburaa keessaa jiran magaalaa gudichaa biyyatti jubbaa keessatti Poop Fraansisiin akka wal argan beekisisaniiru.

Poop Frannsis bara 2019 yemuu Vaatikaan keessatti prezidaanti Sudaan kibbaa Saalvaa kiir fi itti aanaa isaanii Reek Maaschaanr simatan miilaa jaraa dhungatanii garagarummaa Siyaasaa dhiisanii akka waligaltee nageenyaa hojii irra oolchan gaafatanii akka turan gabaasameera.

Poop Firaansiis Sudaan kibba Daawachuudhaaf kan karoorfatan Adoolesa bara darbee keessaa akka tureefi dhimmaa eegumsa fayyaatiin sababa walqabateen Vaatikaan daawwannichaa yeroo biraatti dabarsuun ishee beekamera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG