Somaaliyaa Kibbaa fi giddu galeessa keessatti duula waraanaa adda addaa lama gaggeeffameen hidhattoonni al-Shabab 69 ajjeefamuu qondaaltonni waraana Somaaliyaa Kamisa kaleessaa ibsaniiru.
Raayyaa Ittisa Biyyaa, milishaa gosa michuu ta’anii, fi michoota addunyaa naannoo Shaabel Giddu galeessaakeessatti duula gaggeessaniin, yoo xiqqaate hidhattoonni 49 ajjeefaman jedhan, Dubbi himaan Ministeera Raayyaa Ittisa Somaaliyaa Birgaadeer Jeneraal Abdullaahii Alii Anood,
Loltoonni mootummaas garee shororkeessaa kana irraa meeshaa waraanaa booji’uu akkasumas humnoonni waloo kun Roobii dabree galgala qonna tokko keessatti hidhattoota kana waraanan jedhan Anod.
Lafa qonnaa Sheek Qaasim kan naannoo Dhagahow ganda Hawadleykan bulchiinsa Shabelle Giddugaleessaa keessatti yeroo deebi'anii of gurmeessaa jiranii haleellaa tasaa kan isaan hin eegne irratti gaggeessine jedhan Anod.
Qonni kun magaalaa galma mootummaa biyyattii Moqaadishoo irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 60 fagaatee kan argamu yoo ta'u, baatii Onkolooleessa keessa humnoota mootummaa fi milishoota gosa michuu ta'aniin to'annoo al-Shabab jalaa fudhatame.
Kibxata darbe hidhattoonni Al shabaab maadhee waraanaa Somaaliyaa naannoo sana jiru irratti haleellaa gaggeessaniin, ajajajaa tokko dabalatee yoo xiqqaate looltoota mootummaa 7 ajjeesaniiru.
Forum