Torban dabree Burkiinaafaasoo keessatti shakkamtoota Jihaadiin haleellaan gaggeeffame dubartoota, shamarran fi Daa’imman gara 60 ta’an butamanii fudhatamuutti kan geessee ta’u amanna jechuu isaanii, abaan alangaa kutaa Kamiisa kaleessaa ibsanii jiru.
Qorattoonni amma sakatta’iinsi torban darbe Burkina Faasoo keessatti jihaadiin shakkaman dubartoonni, shamarranii fi daa’imman gara 60 akka butaman taasiseera jedhanii amanu jechuun abbaan alangaa naannichaa Kamisa ibseera.
Gabaasaaleen duraan ba’an dubartoonni gara 50 ta’an akka butaman kan agarsiisan ta’uu ibsi abbaa alangaa kutaa Jiboo gama kaabaa, Issouf Ouedraogo irraa kenname ni mul’isa.
Garuu poolisiin amma shamarranii fi daa'imman reefuu dhalatan warra butaman keessaa akka jiran fi qorannaa haaraan jalqabamuu ibsameee jira.
Roobii darbe gareen Sochiin Mirgoota Namoomaa Burkinaabee jedhamuu, tarree maqaa dubartoota butaman jedhe 61 tarreessee, kana keessaa kanneen yoo xiqqaate 26 ta’an, umuriin isaanii 18 gadi ta'e keessa jiru jedhee jira.
Forum