Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattonni Koongoo Magaala Naayroobii Keessatti Hiriiran

FAAUILII - Lammiiwwan Koongoo qehee ofii irraa buqahanii jiran
FAAUILII - Lammiiwwan Koongoo qehee ofii irraa buqahanii jiran

Gareen gosa Tuutsii irraa ta’an Roobii dabree magaalaa galma mootummaa Keeniyaa Naayroobii keessatti hiriira mormii gaggeessaniin, gara Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongootti nu deebisaa jechuun gaafatanii jiru.

Warri gostii Tuutsii kun akka jedhanti, waggaa tokko dura wal waraansa biyya isaanii Koongoo keessatti gaggeeffamu dheessuun Keeniyaa baqanne jedhu.

Garu mootummaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo Kiinshaasan irraa, isaan lammii Rwaandaa ti, kanaaf lammiwwan kooti jedhee beekkamtii hin kennuuf jedha.

Gostii Tuutsii waggoota kurnan lamaa oliif kaampii Keeniyaa keessa qubatan akka jiran kan himan yoo ta’u, mootummaan Koongoo lammiwwan koo mitii waan isaaniin jedheef jecha, biyya kan hin qabnee taane jedhu.

Forum

XS
SM
MD
LG